Aanaa Gurra Fardaatti Shakkamtoonni 54 too’annoo seeraa jala oolan

85

Finfinnee, Onkololeessa 17/ 2013 (TOI) - Aanaa Gurra Fardaatti lubbuu namootaa darbee fi qabeenyaa barbaadaa’eef sababa jedhamanii kan shakkaman namoonni 54 too’annoo seeraa jala oolan.

Godina Beenchii Shakkoo Aanaa Gurra Fardaatti lubbuu namootaa darbee fi qabeenyaa barbaadaa’eef sababa jedhamanii kan shakkaman namoonni 54 too’annoo seeraa jala ooluu ibsameera.

Bulchaan Godina Beenchii Shakkoo obbo Fiqree Amaan akka ibsanitti tibbana Aanaa Gurra Fardaatti lubbuu namoota 31 darbee, qabeenya barbadaa’ee fi miidhaa qaama qaqqabeef sababa ta’uun kan shakkaman namoonni 54 too’anaa seeraa jala oolaniiru.

Namoota shakkamuun too’ataman keessaa hoggantoonni saddeetii fi miseensoonni poolisii lama keessatti akka argaman ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo nageenyaa uummammeen hawaasni kuma 5 ol buqqa’uu EBC gabaase.

Namoota buqqa’an deebisanii dhaabuuf hawaasa naannichaan deeggarsi taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015