Waggoota shanaan dhufanitti dhaabbileen mootummaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee 36 gamoo ofii isaanii ni qabatuu jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Waggoota shanaan dhufanitti dhaabbileen mootummaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee 36 gamoo ofii isaanii ni qabatuu jedhame.
Finfinnee, Onkololeessa,17.2013(TOI)-Waggoota shanaan dhufanitti dhaabbileen mootummaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee 36 gamoo ofii isaanii ni qabatuu jedhame.
Dhaabbileen kuneen yeroo ammaa tajaajila kan kennaa jiran gamoowwan kiraa keessaatti ta'uu bulchinsa magaalaa Finfinneetti Abbaan taayitaa bulchiinsa gamoowwanii fi qabeenya mootummaa beeksiseera.
Bulchinsa magaalichaatti dhaabbilee mootummaa argamaan 64 keessaa 36 gamoowwan kiraa keessaatti tajaajila kennaa jiru.
Bulchinsi magaalichas kiraa gamoowwan kanaaf waggaatti birrii miiliyoona 600 baasa
Bulchinsa magaalaa Finfinneetti Abbaan taayitaa bulchiinsa gamoowwanii fi qabeenya mootummaa karoora waggaa 5 irratti mariyachaa jira.
Hoogganaan abbaa taayitichaa obbo Yidinqaachoo Walaalliny akka jedhanitti buchinsa magaalachiin kan kennamee lafa heekta 6.2 irratti gamoowwan abbaa darbii 18 hanga 25 qaban ijaarsi isaanii yeroo dhihootti jalqaba.
Hojiin kunis tajaajila bakka tokkotti kenneef ni dandeesisa jedhaniru.