Haadholii Siinqeef leenjiin kennamaa jira

61

Finfinnee Onkololeessa,17,2013(TOI)-Biiroon Dhimma Dubartootaa Daa'immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa haadholii Siinqee Godinaalee Oromiyaa irraa walitti dhufaniif nageenya buusuu keessaatti gahee isaanii akkataa bahuu danda'a irratti leenjii kennaafii jira.

Waltajjii kanarratti Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa'immaniifi Dargaggootaa Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Usmaan, duudhaa Oromoo keessaatti Dubartoonni kabaja qabu jedhan.

Haati siinqee nagaa buusuu keessaatti gahee olaanaa qabdi;Waranaas dhaabuu dandeessi jedhan.
Kanaaf haadholiin Siinqee nageenya waaraa buusuuf gaheesaanii bahuu akka qaban dhaamaniru.

Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Qorataa olaanaa aadaa fi seenaa, Obbo Sintaayyoo Tolaa nageenya buusuu keessaatti haadholiin siinqee akkamiin gahee isaanii bahuu qabu irratti leenjii kennaafi jiru.

Haadholiin Siinqee kunneen Hawwaan naannoo Somaalee akkuma isaanii hojii nageenya buusuu irratti hojjetan waliinis muuxannoo waljijjiru jedhameera jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015