Ministeerri Daldalaa fi Indaastiri kurmaana 1ffaa baranaatiin daldala al-ergi irraa Doolaaraa Ameerikaa Miliyoona 800 fi Miliyoona 38 fi Kuma 600 argamuu beeksise

58

Finfinnee, Onkololeessa. 16,2013(TOI)- Ministeerri Daldalaa fi Indaastiri kurmaana 1ffaa baranaatiin daldala al-ergi irraa Doolaaraa Ameerikaa Miliyoona 800 fi Miliyoona 38 fi Kuma 600 argamuu beeksise.

Ministeerichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa dhaabbilee itti waamama isaa waliin qorachaa jira.

Akka ministeerichii beekisiseetti omishaalee gara garaa gara alaatti ergamanirraa Doolaaraa Ameerikaa Miliyoona 800 fi Miliyoona 38 fi Kuma 600 tahu argamuu fuula feesbuuki isaarratti ibsee jira.

Dameelee garagaraan gara alaatti argaman keessaa dameen albuudaa kan karoorfatee irraa harka 300 erguun Doolaaraa miliyoona 200 fi Miliyoona 5 argamsiseera.

Dameen indaastirii ammoo harka 95 erguun Doolaaraa Miliyoona 94 kan argamsiise yoo tahu bu’aaleen qonnaa ammo kan karoorfatanirraa harka 74 milkeessuun Doolaaraa miliyoona 500 fi Miliyoona 41 argamsiisuu Ministeerichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015