Qonnan bultoonni oromiyaa dhibbentaan 40 oomisha bunaarraatti bobba'ee jira jedhame

195

Finfinnee Onkololeessa 16/2013(TOI) - Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa misooma bunaafi mi'eessituurraattii ogeeyyii qonnaa godinaalee Lixaafi Kibba Lixa Oromiyaa 7 irraa dhufaniif leenjii ogummaa cimsu magaalaa Jimmaatti kennaa jira.

Xiyyeeffannoo Biiroon Qonnaafi Qabeenya uumamaa Oromiyaa bunaaf kenneen bara darbe galiin bunarraa argame fooyya'eera,qonnan bulaan dhuunfaanis ta'ee waldaan gurm'ee buna gabaa addunyaaf dhiyeesse doolaaran gurgurateera.

Caalattii qoonnan bulaan keenya akkaa fayyadamuuf dandeettii ogeessa cimsuun bu'aa karoorfame bunaafi mi'eessiturra akka argamuuf godinaalee buna oomishan kilaastaraan qindeessun teknooloojiin oomishuufii sona ida'anii gabaa addunyaaf dhiyeessuf hojjataamaa jira kan jedhan, Gorsaa Biiroo Qonnaafii Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obboo Tajjuuddin Abdurraman.

Misooma bunaa Naannoo Oromiyaa Godinaalee 17,aanaalee 193 keessatti raawwachaa jira.

qonnan bulaan oromoo dhibbentaan 40 oomisha bunaarraatti bobba'ee jiras jedhan.

Lafa qonnaa bunaaf mijataa ta'e heektara Miliyoona 3.5 keessa yeroo ammaa heektara miliyoona 2.2 irratti bunni oomishamaa jira.

Biyyoonni akka Biraazilfi Kooloombiyaa faa oomisha bunaaf xiyyeffannoo kennun heektera irra buna kuntaala 20 ol argachaa jiru.

Biyyi keenya garuu qilleensafi dachee misooma bunaaf mijataa ta'e osoo qabduu, heektara irraa buna kunt 3-5 aragachaa turte reef kuntaala 7 tti olguddistees jedhameera.

Sababni oomishtumman buna keenya itti guddachuu dadhabeef hojii bal'aa gabaa waliin walitti hidhaminsa hojjatamuu dhabuufii qulqullinaan buna dhiyeessurraatti hanqina waan qabnuufis jedhan.

Teeknooloojiin oomisha bunaarratti sona dabaluufi dhiyeessi oomisha bunas ittin dhiyeessinurratti laafina guddatuu jira jedhame.

Keessumaa kununsi misooma bunaaf godhamu,sararaan dhaabuu,gamashuu,buna dulloome bakka buusuu,osoo hin bilchaatiin guuruu, qisaasama bakka kuusaafi yeroo sassabbi jiruun ammallee rakkon guddan jirachuu Biirichi ibseera.

Bara kana biyyattiin galii qonnarra argachuu qabdu guddisuuf xiyyeffannoo kennuun hojii bunaa kilaasteraan qindeesse ogeessaaf leenjii kennuun hubannaa walfakkataa uumuun bu'aa argamuu qabu argamsiisuuf, qonnan bulaan galii irraa argate jiruufi jireenya qonnan bulaa jijjiruufi guddisuuf xiyyeffannoon kennameeras jedhan Obboo Tajjuuddin.

Biiroon Qonnaafi qabeenya Uumamaa Oromiyaa, adeemsa bunnifi mi'eessituun ittin oomishamuufi bu'aa argamu fooyyessuuf, tarsiimoo bunnifi mi'eessituun ittin oomishamu ogeessa hubachiisun rakkoolee hanqina ogummaa ogeessa bira jiru hiikuun, ogeessii aanaafi gandattii gadi bu'ee qonnaan bulaa leenjisuun hundeerra fooyyessuuf jijjirama oomisha bunaa fii mi'eessituurratti fiduuf kan xiyyeeffatedha jedha gabasni OBN.

Itoophiiyaan Injifattuu gabaa buna Addunyaa 'coffe cup of exellence' bara 2013ti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015