Ministirichi barnoota fiziksii barattoota kutaa 12ffaa barsiisuu eegalan

114

Finfinnee onkololeessa 16/2013(TOI)- Ministirri Barnootaa Getaachoo Mokriyaa(PhD) baayyina hojii barsiisota irra gahu hirrisuuf anis nan barsiisaa jechuun barattoota kutaa 12ffaa barsiisuu eegalan.

Ministirichi mana barumsa Minilik sadarkaa 2ffaatti argamuun barattoota kutaa 12ffaa barnoota fiziksii barsiisuu eegalan.

Akkataa sagantaa biiroon barnootaa baasuun guyyoota 45f hojii barsiisu kana kan itti fufan ta’uu ibsan.

Barsisonni ogummaa kanaan eebbifaman baayyina hojii barsiisota irra gahu hirrisuuf hojii baruuf barsiisuu tolaan akka hirmaatan waamicha dhiheessan.

Wayta ammaa barnoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaa magaala finfinnee baruuf barsiisuu eegalan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015