Hidhi Haaromsaa Hiree BirmadummaaKeenya!- Bulchinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

97

Finfinnee, Onkololeessa 1-2013(TOI)-Dubbii tibbana Pirezidaantiin Amerikaa dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee itti gaafatamummaa malee dubbatan qor-qalbii ummata biyya keenyaa akka isaan hin beekne agarsiisa.

Ummanniifi biyyi keenya hojii harka ofiitiin bayyaannachuu malee, hirkattummaan jiraachuu filannee hin beeknu. Arjooma xiqqaan gowwomfamnee ajaja fudhachuun boqonnaan itti jilbeenfannes hin turre.

Kaleessa yeroo addunyaan hanga kana hin qaroomneefi qabeenya hin horanne, harki Itoophiyaanotaa seenaa gurguddaa hojjeteera. Koloneeffattoota meeshaa waraanaa hammayyaa hidhatee dhaadataa itti bahe rukutee jilbeenfachiiseera. Birmadummaa biyyaa kabachiisuun hiree bilisummaa warra gurraachaa qarqara addunyaa hundaatiif riqicha ijaareera.

Jaallatamus jibbamus, seenaa Afrikaanonni hojjetan kun kan haalamu miti. Seenaan kun yammuu yaadatamu koloneeffannaan lamuu hin yaadamu. Dubbiin Doonaald Tiraanp kun qalbifannaa malee kan darbatameefi hubannaa malee fedhii dhuunfaa isaaniitiin kan dubbatame ta’innaa shakkina.

Ta’us, ijoolleen gootota kaleessaa wareegama barbaachisu kaffalanii hireefi birmadummaa isaanii kabachiifatanirraa dhalatan kun, akkuma salphaatti ololaafi yaaddessuudhaan hiree isaanii dabarsanii kennu jedhanii yaaduun maraatummaa dha.

Hariiroo dippilomaasii biyyootaafi ummattoota lamaaniitiif kabajaa guddaa qabna. Dubbiin Doonaald Traanp kunis, biyya guddoo akka Amerikaafi ummata biyyattii hubannaan waa murteessu akka bakka hin buune ni hubanna. Carraa kanaan hojii walitti dhufeenyaafi marii dippilomaatota biyyoota lamaaniitiin wanti qulqullaa’u akka jiraatu abdanna.

Kun akkuma eegametti ta’ee, ejjennoo cimaa faayidaa waloo Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaarratti mootummaan biyya keenyaa qabate bu’uureffannee, aggaammii kamuu qolachuuf qophii ta’uu keenya ibsina.

Hidhi haaromsaa mallattoo tokkummaafi gamtoominaa ta’e kun sababa kamiinuu hin gufatu. Akkuma kaleessa harka wal qabannee, irree cimsannee, calqabnee raawwachaa turre, ammas seenaa ni hojjenna! Homtinuu nu hin daangessu!

Mul’ata qaroominaafi badhaadhinaa qabannee daandii dheeraa imaluuf, xiqqaarraa eegalleerra. Fedhii qofa osoo hin taane harka hojjetuufi waan karoorse raawwatu argaa jirra. Waamicha tajaajila lammummaatiin deebiifi firii lammii dinqisiise agarreerra. Warra seenaa qofaan jiraatu osoo hin taane, warra har’as seenaa hojjetu horanneerra.

Kanaafuu, yeroo kamiyyuu caalaa wal hubachuufi waliin tarkaanfachuu calqabneerra. Fedhiifi aggaammii fafa mirgaafi faayidaa biyyaafi ummata keenyaarratti akeekame kamuu humna guutuun qolannee, waan eegalle hunda injifannoo ol’aanaan akka xumurru shakkii hin qabnu.

Hidhi Haaromsaa mallattoo tokkummaafi birmadummaa keenyaati.
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Onkoloolessa 2013
Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015