Garaagartee dhimma hidha haaromsaa jiru mariin furamu akka qabu IGAD ibse

61

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2013 (TOI) - Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) hidha haaromsaarratti garaagarteen biyyoota sadeen gidduu jiru mariin furamuu akka qabu beeksise.

Barreessaa olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Waqrqinaa Gabayyoo hidha haaromsaarratti waliigalteen Itiyoophiyaa, Sudanii fi Gibtsi itti fufu akka qabu beeksisaniiru.

Hidhichaan walqabatee furmaannii waaraan akka dhufuuf mariin itti fufu akka qaban gorsaniiru.

Dhimmoonni gaanfa Afrikaatti soda uumaan barbaachisa miti kan jedhan Dooktar Warqinaan dhimmoota nageenya naannichaa booressaan irraa of qusachuun biyyoonni tokkummaa isaanii cimsuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015