Sagantaan Sirna gaggeessaa “Imalli Luusii nageenyaa fi jaalalaaf” jedhu iftaan ni adeemsifama

88

Finfinnee Guraandhala 12/2011  Sagantaan “imalli Luusii nageenyaa fi jaalalaaf”  jedhu iftaan ifatti akka adeemsifamu manni marii bakka bu’oota ummataa beeksise.

Sagantaan kun Itoophiyaa naannoowwan hundatti akkasumas biyyoota gaanfa Afriikaattis akka adeemsifamu beekameera.

Imala kanaan ergaawwan jaalalaa fi nageenyaa walitti hidhiinsa ummattootaa cimsan akka darban odeeffannoon manni marii bakka bu’oota ummataa tajaajila oduu Oromiyaaf erge ni agarsiisa.

Sagantaa gaggeessaa iftaan adeemsifamurratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Af-yaa’onni mana marii bakka bu’oota ummataa fi mana marii federeeshinii  akkasumas qondaaltonni mootummaa olaanoon ni argamu jedhameetu eegama.

Imalli kun Itoophiyaa bira darbee biyyoota Afriikaatti kan adeemsifamu yoo ta’u, Afriikaanonni sanyii Luusii keessaa akka ba’an akka hubatanii fi gamtaasaanii akka cimsatan gochuun kaayyoo imala kanaa keessaa isa tokko akka ta’e beekameera.

Imalli kun mootummoota Afriikaa bahaa  Ertiraa, Jibutii, Sumaalee, Sudaan kibbaa fi rippaabiliikii Sudaan akkasumas Keeniyaa fi Ugaandaatti akka adeemsifamu himameera.

Maqaa Saayinsiitiin Awustiraaloopiitiiksi Afaraansiis jedhamuun kan beekamtu ‘Luusii yka Dinqinash’ ilmi namaa eessaa akka dhufe beekuuf yaalii taasifamu keessatti hambaa gumaacha guddaa taasifte yoo taatu, umuriinshii  waggaa miiliyoona 3.2 tilmaamama.

Akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1974 naannoo Affaar sulula Awaash  Haddaar bakka jedhamutti kan argamte Luusiin, Itoophiyaan lafa ilmi namaa itti argame ta’uushee mirkaneeffatteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015