Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti guyyaa har'aa Pirojektoonni misoomaa adda addaa ijaarsi isaanii xumurame ifattii eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifamaaniiru

237

Finfinnee Onkololeessa 14, 2013(TOI) -Guyyaan kun guyyaa seenaa qabeessaa uummataa keenyaaf , Kaantibaa Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Addee Habiibaa Siraaj.

Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti guyyaa har'aa Pirojektoonni misoomaa adda addaa ijaarsi isaanii xumurame ifattii eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifamaaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Aadde Habiibaa Siraaj guyyaan kun uummataa Laga Xaafoo Laga Daadhiif guyyaa seenaa qabeessatii, akkasumas guyyaa bu’aa jijjiirama keenya harkan qabannee,ijaan ilaaluu irra geenyedha jedhan.

Uummannii keenya akkuma biyyaatti sochii gaggeeffamaa ture keessatti hirmachaa turee eerga jijjiiramni kun dhufee boodas akka lafa qabatuuf uummataa adda durummaan hojjechaa tureefi jiruudha jedhan.

Erga jiijjiramni dhufee as uummanni keenya bu’aan gurguddaa argateera jedhan Addee Habiibaan.

Bu’awwan kana keessas guyyaa har’a piiroojektoota eebbifaman piroojektii, Gamoo Waajjira Bulchinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii, Gamoo Giddugala Qonnaan Bultoota,waraqaa Eenyummaa diijitaaliifi Laga Xaafoo Laga Daadhii Gidduugala Turiizimii Atileetoota taasisuuf piroojektonni eebbifaman kun ragaadha jedhan,addee Habiibaa.

Akkasumas magaalaa keenya keessatti Rakkoo mana jireenya hojjetootaa furuufis hojiin guddaa hojjetameera,qonnaan bultoota seeraan alaa lafa isaanii irraa buqqiifamniifi beenyaafi faayidaa argachuu qaban argachaa jiru.

Magaalaa keenyatti waldaa misoomaa Oromiyaaf lafa hektaaraa kudhaan kennamee mana barumsaa sadarkaa lammaffa ijaarama turee gara sadarkaa Yunivaarsiittiitti akka guddatuuf murtaa’eera jedhan.

Akkasumas mana barumsaa moodeelaa ta’ee sadarkaa lammaffaa akka ijaaramuuf murtaa’e ijaarama jira,akkasumas Faawodeeshiiniin Diboora magaalaa keenyaa gidduu gala taasisifatee sochoo’a jiras jedhaniiru.

Aadde Habiibaan gara fuula durattis bu’uuralee misooma ijaarama jiran cimsuufi aadaa wal danda’aa keenya gabbisaafi abbootii qabeenyaa, qabeenya isaanii dhangalaasuun magaalittii misoomsan hundaaf Addee Habiibaan galteeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015