Mootummaan yaada Tiraamp Hidha Haaroomsa Guddicharratti laataniif ibsa gaafate

70

Finfinnee, Onkoleessa 14/ 2013 (TOI)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Maaykil Raaynar waajjira isaaniitti waamuun yaada Tiraamp Hidha Haaromsaa Guddicharratti dubbataniif ibsa akka laatan gaafataniiru.

Tiraamp hidha haaromsaarratti yaadni isaan laatan muummee ministeeroota Israa’eelii fi Sudaan waliin marii bilbilaan taasisan irrattidha.

Obbo Gadduun haasaan Tiraamp hidha haaromsaa fi marii sadeenirratti taasisanis dogogoora jedhaniiru.

Preezdaantichi hidhichi yaa’aa naayiliin adda kutaa jedhaniiru.

Kun ammo yaadaa dogogoraati jechuun obbo Gadduun yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa fi Gibtsii gidduutti loltuumma labsuun preezdaanti Tiraamp irraa kan eegamuu miti jedhaniiru.

Hariiroo obbolumma Ityoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiruus hin maadaluu jedhameera.

Ityoophiyaa haleellawwan birmaddumman isheen itti dhufaanin jilbeeffatte hin beektuu, gara fulaa duraattis hin jilbeeffattu jedhaniiru.

Kanarra darbees biyyattin Sudaa fi Gibtsii waliin gama Gamtaa Afrikaa marii sadeenii taasisaa turte itti fufuuf qophii ta’uu ishee obbo Gadduun yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015