Preezdaantoonni mootummoota naannoolee, Beenishaangul Gumuuz, Saboota Sablamoota fi Ummattoota kibbaa Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaarratti ibsa laatan

82

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2013 (TOI)- Preezdaantiin Mootummoota naannoo, Beenishaangul Gumuuz Ashaadilii Hasanii fi Preezdaantiin naannoo Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawu Hidha Haaromsaa Guddichaarratti ibsa laataniiru.

Preezdaanti Ashaadilii Hasan Hidhi Haaromsaa Guddichi Ityoophiyaa proojaktii mootummaa ykn kan dhuunfaa osoo hin taanee kan uumataati jedhaniiru.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haasaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicharratti taasisan lammiilee Ityoophiyaa biraatti fudhatama kan hin qabne ta’uu yaadachisaniiru.

Yaadni hidhicharratti laatamees birmaddummaa Ityoophiyaanoota kan xuquu ta’uus, Ityoophiyaannonni birmadummaa biyyarratti haleellaa aggamamuuf obsa hin qaban jedhaniiru.

Preezdaanti Ristuu Yirdaawu, ibsa laataniin Hidhi Haaromsaa uummattoota naannoo fi biyyaattiin ijaarramee sadarkaa ammaarra akka ga’uuf deeggarsi taasifamees olaanaadha jedhaniiru.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Ityoophiyaa lammiileen biyyattii hundi hanga dandeetti isaa deeggaruun kan ijaarameedha jedhan.

Qormaatilee nu muudatan keessa giddu galummaan alaa isaa tokkodha kan jedhan obbo Ristuun, kanafis yaadni Tiraamp Hidha Haroomsaa Guddichaarratti dubbataan fakkeenya jedhaniiru.

Haasaan isaan taasisaniis uummata biyya keenyaa kan gaddisiseedha jedhaniiru.

Gocha kanaaf ammoo uummanni mootummaa cina dhaabbachuun giddu galuumma alaarra aggaamamuu ittisuuf qoodaa isaa akka ba’atuu preezdantoonni kunneen dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015