Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hojii komiishinichaa akka deeggaran himan

105

Finfinnee, Onkololeessa 13,2013(TOI)- Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hojii komiishinichaa akka deeggaran himan.

Pireezedantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa miseensota Komiishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaa fi Eenyummaa waliin hardha mariyatan.

Miseensonni koomishanichaa marii Pirezidanti Shimallis waliin Waajjira Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taasisaniin, caasaan mootummaa naannoo gubba jalqabee amma godaati jiru hojii koomishinichaa hubatee deegarsa barbaachisaa akka laatuuf gaafataniiru.

Pirezidaant Shimallisiis hojii Komiishinichaa deeggaruuf mootuummaan qopha'aa akka ta'e mirkaneessaniiruuf. Oromiyaan Naannoo Tigiraay malee naannolee hundaan kan daangessitu waan ta'eef, miira "Ollaa gaarii" uumuuf hojiilee hedduun hojjatamuu himanii, komiishinichi qaawwale hafan guutuuf akka cimee hojjatu abdii qaban ibsaniiru.

Rakkoolee daangaa fi eenyummaa waliin wal qabatanii ka'aniif qo'annoo saayinsaawaa, ifa, hirmaachisaa fi hammataa ta'e adeemsisuudhaan yaada furmaataa dhiyeessuun aangoolee Komishinichaaf kenname keessaa tokko ta'uunsaa marii kana irratti ka'eera.

BDHKMNO Irraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015