Oromiyaatti gootonni misooma qonnaa badhaafamuufi

148

Guraandhala 12/2011) Naannoo Oromiyaatti gootota misoomaa qonnaa naannichaa ammayyeessuun karoora gama kanaan qabame milkeessuun adda durummaan socho’anii milkaa’a badhaafamuuf akka ta’e ibsame.

Mata duree “Gootota misoomaa kumaatamaa jajjabeessuun miliyoonoota haa horannu” jedhuun sagantaa Dilbata dhufu adeemsifamuun gootonni misoomaa bara oomishaa 2010/2011 paakeejii qonnaa guutuu fayyadamuun bu’aa fooyya’aa galmeessisan badhaasuuf qophiin xumuramuusaa biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa beeksiseera.

Hoogganaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee har’a ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf hojiiwwan babal’aa hojjechaa akka ture ibsanii, adeemsa kana keessatti qonnaan bultoota, hoogeessotaa fi qorattoota dabalatee namoonni 716 ni badhaafamu.

Gootota misooma qonnaa kanneeniif badhaasnii fi beekkamtiin keennamuuf keessaa qonnaan bultoonni 50 ta’an qonnaan bulaarraa gara investaraatti kan ce’an ta’uus Obbo Dhaabaan himaniiru.

Madda: BDHKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015