Ijaarsa Proojektii madda aanniisaa Kooyishaa waggaa 3 keessatti xumuruuf hojjetamaa jira – Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa

56

Finfinnee, Onkololeessaa 12/2013 (TOI) – Ijaarsa Proojektii madda aanniisaa Kooyishaa waggaa 3 keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa ibsan.

Proojektiin madda aanniisaa Kooyishaa anniisaa Meegaa Waatii kuma 2 fi 160 maddisiisuu danda’a jedhame.

Proojektiin kun Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaatti aanee sadarkaa 2ffaarratti aragama.

Waggoottaan shanan dhufanitti naannoo biyyatti hunda humna Elektirkaa waliin ga’uuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa dubbataniiru.

Proojektii madda aanniisaa Kooyishaa waggaa 3 keessatti xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Hidhichi Proojektii ‘maaddii biyyaa’ kooyishaa keessatti kan hammatamu ta’uu isaan ijaarsi isaa aariitiin xumuramun tajaajila laachu akka eegaluuf shoora qaba jedhaniiru.

Hanga ammaatti kallattii bishaanii jijjiiruu dabalatee hojiin qotiinsi bu’uraa xumuramuu Kontiraaktarri Proojektichaa obbo Iyyu’eel Salamoon himaniiru.

Hidhaan guddichii fi maddi aanniisaa iddoo garaagaraatti kan argaman ta’uu ibsuun, kun ammoo lamaanuu yeroo walfakkaatuutti ijaaruuf carraa uumeera jedhan.

Ijaarsi proojektii kanaa lammiilee kuma 4f carraa hojii uumuu ibsaniiru.

Waliigala raawwiin ijaarsa Proojektii Kooyishaa %39 irra ga’uu eeraniiru.

Ijaarsa Proojektii Kooyishaa gaggeessuuf bara 2008 waliigalteen raawwatamuu isaa kan yaadatamuudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015