Kitaabni jijjirama itoophiyaa waggaa lamaan darbee calaqqisiisu eebbifame

80

Finfinnee Onkololeessa 12/2013(TOI)- Erga ministirri muummmee Dr.Abiyyi gara aangoo dhufanii jijjiramoota siyaasaa itoophiyaatti ml’atanii fi kallattii fuula duraa kanneen akeeku kitaabni  qophaahe eebbifame.

Klitaabni mata dureen isaa afaan ingiliffaan "Ethiopia in the wake of political reforms" jedhu kun  kutaa 4fi fuula 616 qaba jedhame.

Kitaabni hayyoota 20 ta’aniin qophaahe kun biyyattii keessatti waggoota lamaan darban gama diinagdee,siyaasaa fi hawaasummaan jijjiramoota dhufan kan xinxale jedhame.

Hubannoo hawaasni waa’ee jijjiramichaa qabu fi kallattii fuula duraas kan akeeke.

Hayyoonni eebba kitaabichaa irratti yunivarsiitii Finfinneetti argaman ,namooni bebbeekamoo,gaazaxeessitoonni  kitaabicha irratti marii geggeessaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015