Dhaabbanni liqii fi qusannoo Amaaraa buqqaatotaaf deeggarsa birrii miiliyoona 25 taasise.

75

Baahirdaar Guraandhala 11/2011 Dhaabbanni  liqii fi qusannoo Amaaraa buqqaatota naannicha keessatti argaman deebisanii dhaabuuf kan oolu deeggarsa birrii miiliyoona 25nii taasisuusaa beeksise.

Daarektarri olaanaa dhaabbatichaa obbo mokonnon Wasanyellewum guyyaa har’aa deeggarsa kana waajjira qindeessaa ittisa balaa fi wabii nyaataatti wayita kennan akka jedhanitti, deeggarsi kun miidhamtoota deebisanii dhaabuuf oola.

Dhaabbanni kun deeggarsa kana cimsee akka itti fufu kan beeksisan daarektarri olaanaa kun, rakkoon kun bal’aa waan ta’eef namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen biroo deeggarsa gochuu akka qaban waamicha dabarsaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qindeessaa ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo Amaaraa obbo Amaaree Kindee gamasaaniitiin naannichatti Gondor lixaa fi jiddu galeessaa akkasumas naannolee biroorraa namoonni kuma 88 fi dhibba 450 buqqa’uusaanii dubbataniiru.

Buqqaatota kanneen buufataalee 13 keessa akka qubatan taasisuudhaan deeggarsi nyaata, uffataa fi meeshaa nyaataa taasifamaafii akka jiru ta’uusaas hubachiisaniiru.

Daarektarri olaanaa waajjira dhimmoota komunikeeshinii naannoo Amaaraa obbo Assemmaahenyi Siras gamasaaniitiin buqqaatotarra dhiibbaan hawaasummaa, dinagdee fi xiin sammuu akka irra ga’e ibsanii, buqqaatoa deebisanii dhaauuf yaalii taaifamu keessatti hundi hirmaachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Buqqaatota baatii lamaan dhufan keessatti deebisanii dhaabuu fi gara jireenyasaanii duraatti deebisuuf sagantaan ba’e hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015