Hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa tumsa gaariidha – Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

69

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (TOI) - Hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa tumsa gaariidha – Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa tumsa Afrikaa Chaayinaaf bu'uura gaarii ta’uu himaniiru.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii gaaffii fi deebii tajaajila Oduu Chaayinaa Shiinowaa jedhamuu waliin taasisaanin hariiroon Itiyoophiyaa fi Chaayinaa waggoota 50f kan ture akka ta'ee kaasaniiru.

Kanaanis, hariiroon biyyoota lameenii tumsa Afrikaa Chaayinaaf fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru.

Fooramii Tumsa Chaayinaa –Afrikaatti hariiroon biyyoota lameenii diingdeen, siyaasaan, nageenyaa, ce’umsa teeknooloojiin , ijaarsa dandeettiin guddachuu eeraniiru.

Mootummoota Gamtoomanitti gabaasni daladalaa fi misoomaa akka ibsutti Chaayinaan bara Faranjootaa 2019 Itiyoophiyaatti madda invastimantii kallaattii alaa guddaa taatee kan itti fufte yoo ta’u, gaanfa Afrikaarraa piroojaktoota haaraa fudhatama argatan keessaa 60 % qabaachuu ibsaniiru.

Biyyoonni lameen weerarri vaayrasii koroonaa sodaan fayyaa mudatullee, hariiroo tumsa biyyoota lameenii damee fayyaan fooyyeessu himaniiru.

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan bara kanaa waloon fooramii kan qopheessaan yoo ta’u, fooramichi haariiroo biyyoota lameenii duraan ture caalumatti cimsuuf kan fayyadu ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015