F. A Kaappiitiin Maanchestar Yuunaayitid Cheelsii mo’achuun xumura nuusaaf qaqqabe

120

Tapha Ingilizii marsaa shanaffaa F.A Kaappii gatanii darbuu marsaa shanaffaatiin Maanchestar Yuunaayitid Cheelsii mo’achuudhaan Xumura nuusaatti makamuu danda’eera.

Maanchestar Yuunaayitid gara Istaanfoord Biriijitti imaluudhaan tapha taasiseen qabxii 2 fi 0n mo’achuudhaan gara xumura nuusaatti makameera.

Oliigoonaar Soolshaayeer Maanchestar Yuunaayitidiif lammii Ispeen kan ta’e Andar Hereeraa fi lammii Faransaayi kan ta’e Pool Poogibaa gooliiwwan lamaan lakkoofsisaniiru.

Maanchestar Yuunaayitid tapha xumura nuusaa Walver Ampitan waliin ni taphata.

Gara xumura nuusaatti cehuu kan danda’e Maanchestar Siitiin, tapha xumura nuusaatiin gara Weelsi deemuudhaan Siwaansii Siitii waliin ni taphata. Waatfoord Kiriistaal Paalaas, Miilwool Biraayiten waliin xumura nuusaaf ni taphatu.

Madda :- Biibiisii Ispoorti

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015