Badhaadhinni bu'aa nagaafi ida'amuuti malee, waraanaafi barbadeessuudhaan kan galma gahu miti-Dr.Abiyyi

68

Finfinnee Onkololeessa 10/2013(TOI)- Yeroof malee mukni qoraanii ibbidda tuttuqatu ofiisaa boba'uunsaa hin oolu jedhan Ministirri muummee Dr.Abiyyi barreffama karaa fuula fecbook isaaniin.

Adeemsi gama siyaasaatiinis ta'e kanbiraatiin deemamu mariirra humna, tasgabbaa'uurra hookkora, waliigaluurra lola kaasuuf kan dursa kennu yoo ta'e, daandichi suuta suuta abbicha fudhatee akka badu ifadhas jedhan.

Badhaadhinni bu'aa nagaafi ida'amuuti malee, waraanaafi barbadeessuudhaan kan galma gahu mitis jedhan Dr.Abiyyi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015