Yaa’iin barnoota idil addunyaa gaggeeffama jira

48

Finfinnee, Onkololeessa 10/2013 (TOI) – Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa yaa’ii barnoota idil addunyaa viidiyoo konfiraansiin hirmaata jiru.

Yaa’icha giddugallii barnootaa, saayinsii fi aadaa Gaanaa, Norweey,Ingiliizii fi Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii waliin kan qophaa’eedha jedhameera.

Yaa’ichi dhimma barnoota saayinsii, manneen barnoota sababa covid-19 cufaman deebi’anii banuu, adeemsa baruu fi barsiisuu fi barnoota diigitalaarratti xiyyeeffanno kan taasisedha.

Yaa’icha irratti xiyyeeffannoon barnoota idil addunyaa 2021 maal ta’uu akka qaburratti kallattiin gara fulaa duraa fi murtoon ni darbaan eegama.

Yaa’icharratti hoggantoota biyyoota garagaraa, ministeeroota barnootaa fi qamooleen immaammataa idil addunyaa baasaan hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera Barnootarra arganne ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015