Raayyaan Ittisa Biyyaa ajaja dabalataa lama hundeesse

104

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (TOI) - Raayyaan Ittisa Biyyaa ajaja dabalataa lama hundeesse.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa ajaja dabalataa lama hundeessuu beeksise.

Ajajoonni haaraan hundaa’aan bara kana gara hojiitti akka galan Raayyaan Ittisa Biyyaa ibseera.

Itaamaajoorrin Raayyaa Ittisa Biyyaa RDFI Jeneraal Adam Mahaammadii fi itti aanaan Eetaamaajooraa Jeneraal Biraanuu Julaa miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Itaamaajoorroonni Raayyaa Ittisa Biyyaa RDFI hojiiwwan jijjiiramaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI, ijaarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa, halaa wayitawaa fi nageenyaa irratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin Raayyaan Ittisaa Biyyaa FDRI ajaja dabalataa lama hundeessuu eeraniiru.

Ajajoonni hundaa’an kun miidhaa keessaa fi alaa saffisaan ittisuuf yaadamee kan hundaa’edha jedhaniiru.

Ajajoonni haaraan hunda'an kunis ajaja jiddugaleessa fi Kabaa dhihaa yoo ta,u, bara kana gara hojiitti akka galan Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015