Liqaan hojidhabeeyyiif kennamu xiqqaachuun kan hojjetee deebisu dhabamuusaatiini- Aadde Caaltuu Saanii

148

Liqaan hojidhabeeyyiif kennamu xiqqaachuun kan hojjetee deebisu dhabamuusaatiini- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee Onkololeessa 9/2013(TOI)-Rakkoo hojidhabdummaa hudhaa dargaggootaa ta'e furuuf mootummaan aadaa liqaa mijeessaa jiraatus akkaataa karoorfameen milkaa'uu dhabuu pirezedaantii ittaantuun BMNO beeksisan.

Sadarkaa Aaadde Caaltuu Saanii qorannoo raawwii hojii kurmaana 1fa bara 2013 har'a galma Abbaa Gadaatti qaamota dhimmisaa, ilaallatuuf dhiyeessaniin liqaan hojidhabeeyyiif kenname %8 qofa jedhan.

Baay’inni hojidhabeeyyii akka naannootti jiran hedduu ta'anis hojidhabeeyyiin liqaa maallaqaa fudhatan yeroon deebisuu dhabuu kaasaniiru.

Akka ibsasaaniitti liqaan maallaqaa dinagdeen hojidhabeeyyii akka fooyya'uuf kennamaa turan qisaasameera.

Maallaqni liqaa kenname yeroo qabameefitti ittiin hojjetamee deebihuun hojidhabeeyyii bulaniif Kan liqeeffamu ta'us maallaqni hedduu liqeeffame achi buuteensaa dhibuu kaasu.

Hojmaanni kun sirrii ta'ee waan hinargamneef qisaasa'ina maallaqa kana baraaruuf qusannaan dhibbantaa 20 akkaawuntiirra jiraachuun dirqama jedhu.
Kun ta'uu dhabuusaatiin kurmaana 1fa kana keessa dargaggoonni hojidhabeeyyii liqaa maallaqa hojiin itti uumamu argatan %8 qofa ta'uu eeraniiru.

Liqaa kanaan dura kennamee deebihe gadaana dha jedhanii, kana booda qisaasa'ina maallaqaa gama kanaan mudatu hambisuun xiyyeeffannoon hojjetaa jirra jedhaniiru.

Liqaan hojidhabeeyyiif kennamu rakkoo dinagdee dargaggootaa haa furuuf kan akeeke ta'us hojjetanii kan deebisan muraasa ta'uusaaniin baay’inni namoota liqaa kana argatanii xiqqaachuu kaasaniiru.

Kuni ta'us liqaan kennamu dhaabbateera jechuu miti jedhanii, ulaagaa liqaa taa'e guutuun hojjetanii deebisaniifi of fooyyessaniif kan kennamu ta'uu eeraniiru.

Dargaggoonni hojidhabeeyyiis dhimma kana beekuun of kennanii hojjechuun jireenyasaaniifi biyyasaanii fooyyessuuf of qopheessuu qabu jedhaniiru.

Dargaggoonni dinagdeen of dandahan carraa hojii hojidhabeeyyiif uumuurra darbanii biyyasaaniifis abdii ta'anii akka argamaniif dirqamni lammummaa irra jedhaniiru.

Kana malees aadaan qusannaasaanii akka gabbatuuf of kennanii hojjechuun murteessaa ta'uus dhaamaniiru. Maddi ejansii pirasii itoophiyati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015