Rakkoo nageenyaa godina Matakkal waaraan furuuf konfaransiin nageenyaa gaggeeffame

61

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (TOI) – Rakkoo nageenyaa godina Matakkal waaraan furuuf konfaransiin nageenyaa hawaasa waliin gaggeeffame.

Rakkoo nageenyaa godinichaa waaraan furuuf jaarsolii biyyaa aanaalee godinicha hunda keessaa walitti babba’an waliin konfaransiin nageenyaa magaalaa Galgal Balasitti gaggeeffameera.

Pireezdaantiin naannoo Beenshaanguul Guumz obbo Ashaadilii Hasanii fi itti aanaan Preezdaantii naannichaa obbo Geetahuun Abdiisaan jaarsoolii biyyaa kanneen waliin haala rakkicha furuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mariin kun rakkoo nageenyaa godina Matakkal bara dheeraa tureef furmaata waaraa fida jedhamee eeggama.

Godinichatti tasgabbii buusuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa qaamoolee nageenyaa sadarkaa garaagaraa jiranii fi hawaasa waliin qindoomuun hojiin hojjetan shoora olaanaa ba’eera jedhame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015