Jilli Abb Addisuu Araaggaan durfamu Ijaarsa Manneen barnoota Daree dabalaataa Godinaalee shawaa kaabaa fi shawaa bahaa daawwateera

97

Finfinnee,Onkoloolessa 08, 2013 (TOI)- Sammuu dhalootaa ijaaruun Egeree Biyyattiif murteessaadhaa jedhan, Sadarkaa Pireezidaantiitt Itti Aanaatt Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obboo Addisuu Araaggaa.

Jilli Abb Addisuu Araaggaan durfamu Ijaarsa Manneen barnoota Daree dabalaataa Godinaalee shawaa kaabaa fi shawaa bahaa daawwateera.

Jilli Obbo Addisuun durfamu, ijaarsa Daree dabalaataa manneen barnoota aanaalee Aanalee Dugdaa, Booraa , Liiban fi Lumee akkasumas Magaalaa Mojoo keessaatti hojjetamaa jiranii daawwateera.

Dur - buutoonni Manneen Barnoota OBN dubbisees, Hojiiwwaan ijaarsa daree dabalataa hojjechaa milkaa’aa ta’us himan.

Bulchaa Itti Aanaa Godina shawaa bahaa Abb Eebbisaa Tsaadiq ijaarsii Daree dabalataa barattoota kumaa 400 simachuu danda’an hojjetamuu himan, Ammas Hirmaan Uummataa , Dhaabbilee mit Mootumma fi dhuunfaa, akkasuma Abbootii qabeenya murteesaadha jedhan.

Jilli Obbo Addisuun durfamu kun hojii daree dabalataa Godina Shawaa Kaabaatti hojjetamaa jirus daawwateera.Hawaasni dubbisnes,
Itti Aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Abb Girmaa Bayyisaa akka Naannootti ijaarsi Kutaa dabalataa kuma 30 ol ijaarsiisuf karoorfatame kumni 32 ol ijaramuun himan. Torbaan dhufu irraa eegalees maksiin Miiliyoonnii 20 manneen barnootaaf ni raabsama jedhan.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Abb Addisuu Araaggaa daawwaanna isaani Godina shawaa kabaa fi bahaatti taasisaniin akka Naannoo Oromiyaatt hojiin ijaarsa daree dabalataa Hirmaannaa Ummataan Birrii Biiliyoona Shanii fi Miiliyoona dhibba shaniin ijaaramaa jiraa jedhan kun hojii Abdachiisaadhaa jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas hojii Sammuu dhalootaa irratti hojjachuuf Manneen Barnootaa Bultii Addaa Torbaa fi sadarkaa lammeesoo 100 kan sadarkaa isaa eeggatee torbaan dhufu irraa jalqabee ijaarsisuuf wal harkaa fuudhinsa ni taasisaas jedhan.

Manneen barnootaa keessaatt hanqinaa barsiisotaa furuuf barsiisotni Soorama irra jiranii fi dandeettii barsiisumma qaban maatiisaa akka barsisaniifis yaamichaa godhaamee turreesi milkaa'aadha jedhan.

Barattootnis barnoota isaanii Ji'a onkolooolessa irraa eegalee sadarkaa sadarka kan jalqaban yoo ta'eeyyuu, godinoota fi Aanalee Daree dabalataa hin ijaarin barumsii kan hin jal qabamne ta'us akeekan, Barattootni mana barnootatt yeroo yeroo deebia'anis hojiin hordoffii fi to'annoo koreen sadarkaa nannoo anga gadii jiraniin ni tasifamas jedhameera. Akka Naannoo Oromiyaa bara barana barattootni Miiliyoonnii 12 ol Bara 2013tti barumsa akka jal qaban Ragaan biiroo barnoota Oromiyaa irraa arganne ni mirkanneessa.
Maddi:-OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015