Ragaan sirriin murtii sirrii bira nama geessa

123

Finfinnee Onkololeessa .08, 2013(TOI)- "Ragaan sirrii murtii sirrii bira nama geessa"- Pirezedaantii Itti aantuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Caaltuu Saanii

Eejnsiin Galmeessa Ragaalee Bu'uuraa Hawaasummaa Oromiyaa faayidaalee fi hojiirra oolmaa galmeessa ragaalee bu'uuraa hawaasummaa fi karoora qindaa'aa sirna galmeessa ragaa bu'uuraa hawaasummaa irratti Magaalaa Adaamaatti leenjii kennaa jira.

Leenjii kunis hoggantoota godinaalee fi magaalotaa eejensichaa akkasumas Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa'immanii fi Dargaggootaa Oromiyaaf kennamaa jira.

Waltajjii kanarratti Pirezedaantiin Itti aantuu fi Qindeessituun Kilaastera Magaalotaa Aadde Caaltuu Saanii, rakkoolee hawaas-diinagdee hawaasaa karaa sirrii ta'een furuuf ragaan galmeessa ragaalee bu’uraa bu'aa guddaa qaba jedhan.
Ragaan sirriis murtii sirrii bira nama geessa jedhan Aadde Caaltuun.

Bu'aan qabiinsi ragaa nama dhuunfaa hanga biyyaatti qabu olaanaa ta'us, barsiifanni qabiinsa ragaa keenya laafaa waan ta'eef fooyya'uu akka qabu dhaamaniru.

Karooraa fi tarsiimoo mootummaan baasu karaa sirrii ta'een hojiirra akka ooluu qabiinsi ragaalee fooyya'uu qabas jedhameera.

Hoggansi sadarkaan jiru dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechuu qabas jedhameera.

Daarektarri Olaanaa Eejensichaa Obbo Abdallaa Ogatee, galmeessi ragaalee bu'uuraa labsiin bara 2004 bahus karaa guutuu ta'een hojiirra waan hin oolleef xiyyeeffannoo dhabee biyyii fi lammiileen bu'aa irraa hin arganne jedhan.

Bara 2008 akka naannootti bifa haaraan hojii keessa galamuu himaniru.

Namni erga dhalatee kabajaa fi waan argachuu qabu akka argatuuf, mirga namoomaa fi dimookiraasii akka argatuuf akkasumas lammummaa dabalatee mirga dhalli namaa argatu qabu akka gonfatuuf galmeessi ragaale bu'uuraa qooda olaanaa qabaas jedhan obbo Abdallaan.

Ragaan galmeessa ragaa mootummaanis karooraa fi tarsiimoo baase qixa sirriin hojiirra akka ooluuf ragaan qulqulluu fi istaandardii qabu jiraachuutuu irraa eegama jedhan.

Hojiin kun kan seektara tokkoo qofaan kan hojjetamu miti hojii seektara hunda waliin hojjetamuu tahuus Obbo Abdallaan himaniru. OBN wabeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015