Yuunvarsiitiwwan hundi Onkololeessaa 23-30,2013 simannaa marsaa duraa ni gaggeessu jedhame

65

Finfinnee, Onkololeessaa 7/2013 (TOI) –Yuunvarsiitiwwan hundi Onkololeessa 23-30, 2013tti simannaa barattootaa marsaa duraa kan gaggeessan ta’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo beeksise.

Yuunvarsiitiwwan hundi barnoota eegaluuf Onkololeessa 23-30, 2013tti simannaa barattootaa marsaa duraa gaggeessuuf qophii barbaachisu xumuruu akka qaban Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaattoo hubachiisan.

Yuunvarsiitiwwan tokko tokko hanqina qaban ariitiin xumuruun simannaa barattootaa taasisuu akka qaban Dooktar Saamu’eel hubachiisaniiru.

Qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi qindoominaan hojjechuun adeemsi baruu fi barsiisuu karaa nagaan akka gaggeeffamu ga’ee isaanii ba’uu akka qaban Dooktar Saamu’een waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni agarsiisa.

Gamaggama qophii duraarratti bu’aa qorannoo kan dhiyeessan Ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo Dooktar Muluu Naggaa, weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo taasisuun adeemsa baruu fi barsiisuu eegaluun dhimma ijoo ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015