Biyyoonni miseensa garee 20 biyyoonni guddinarraa jiran liiqii isaani turtii yeroo baatii 6 keessatti akka kanfalaniif waligaluu beeksisan

65

Finfinnee,Onkololessa, 05,2013- Biyyoonni miseensa garee 20 biyyoonni guddinarraa jiran liiqii isaani turtii yeroo baatii 6 keessatti akka kanfalaniif waligaluu beeksisan.

Biyyoonni garee 20 kun turtii yeroo kennuuf kan waliigalan biyyoota sababa weerara vaayirasii koronaan diinagdeen isaani miidhame deeggaruuf akka ta’es himameera.

Turtiin yeroo kun hanga baatii Waxabajjii bara 2021 kan turu ta’uunis himameera.

Biyyoonni yeroon liiqii isaani itti kanfalan dheerateef kunneen dameen fayyaa fi diinagdee isaanii ni foyya’as jedhameera.

Haa ta’uuti, dhaabbileen degarsaa Idil-adduunyaa yeroon kun xiqqaadha jechuun mormaniiru.

Abbaa Taayitaa ‘Oxfam’ kan ta’an Jaame Ateenzaan liiqii biyyoota guddatani haquu dhiisuun liiqii biyyoota irraa jiru baay’isa jedhaniiru.

Maddi Aljeezradha

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015