Abbaan taayitichaa damee geejjibaa guddisuuf baasii birrii miiliyoona 9n pirojektii Awutoomeeshinii hojiirra oolchaa jira

66

Adaamaa Guraandhala 10/2011 Abbaan taayitaa geejjibaa Oromiyaa damee geejjibaa guddisuuf baasii birrii miiliyoona 9n pirojektii awutoomeeshinii hojiirra oolchaa akka jiru beeksise.

Qaama pirojektichaa kan ta'e pirojektiin awutoomeeshinii tajaajila gurguddoo damee Shawaa bahaa eebbifamee ajaajilarra ooleera.

Itti gaafatamtuun itti aantuu abbaa taayitichaa adde Mullee Dassaalenyi  akka beeksisanitti, naannichatti pirojektiin tajaajila si'ataa kennu hojiirra oolaa jira.

Pirojektiin kun sadarkaa yaaliitti kan filataman Shawaa bahaa fi godinoota Wallaggaatti, akkasumas waajjiraalee geejjibaa magaaloota Shaashamannee, Burraayyuu fi Sabbataatti argaman keessatti hojiirra oolaa akka jiru eeraniiru.

Fuuldurttis gara godinootaa fi magaalootaatti babal'isuuf karoorfamuusaa itti gaafatamtuun itti aantuu itti gaafatamtuu kun dubbataniiru.

Pirojektiin kun sirna odeeffannoo diriirsuudhaan galmee konkolaataa, qorannaa fi faayila daddabarsuu, galmee konkolaataa haaraa fi maqaa abbummaa naannessuu ittiin hojjetama.

Akkasumas kenniinsa eeyyama konkolaachisaa, sochii geejjibaa fi tajaajiloonni biroo sirna teekinooloojii komunikeeshinii diriirsuuf ni dandeessisa jedhaniiru.

Hojii adeemsisaan kubbaaniyyaa teekinooloojii Daaf teek sooshaal infoormeeshiin komunikeeshinii obbo Sooshaal Bayyanaa gamasaaniitiin, pirojektiin kun hojmaata boodatti hafaa fi bu'aa ba'iin keessatti mul'atu hanbisuudhaan hojmaata ammayyeessuu fi teekinooloojiidhaan deeggaruu akka dandeessisu hubachiisaniiru.

Gama biraatiin sirna ragaan itti qabamu diriirsuudhaan hojmaataa fi gurmaa'insa bibittinnaa'aa mana galmee keessatti mul'atu sirreessuu fi ragaa iddoo tokkotti galchuudhaan fayyadamtootaaf tajaajila si'ataa akka dhiheessu himaniiru.

Keessumaa adeemsa kenniinsa eeyyama konkolaachisaa tuttuqaa namaarraa bilisa gochuudhaaf pirojektiin awutomeeshinii murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Godina Shawaa bahaatti sadarkaa paayileetiitti pirojektii adeemsifameen faayilii shofeerotaa fi konkolaattotaa dijitaalaayizii gochuudhaan siistama keessa galchuudhaan torbee dhufu tajaajila guutuu kennuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015