Oromiyaatti namoonni dabalata 102 vaayrasii koroonaatin qabaman

63

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 102 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 579 hojjetameen vaayrasichi namoota 102 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 13,856 ga’eera.

Lubbuun namoota 2 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 116 darbeera.

Namoonni haaraan 456 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 8716 dandamataniiru.

Namoonni 18 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5024 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 202811 gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015