Daangaa godinaalee naannoo Sidaamaa Fi Oromiyaa

193

Finfinnee,Onkoloolessa 04, 2013(TOI) - Daangaa godinoolee Naannoo Sidamaa fi Oromiyaa irraa namoota buqqaa’anii turan kuma 60 deebiisani qubbachiisuuf waligaltee irraa gahame.

Waggaa sadii dura walitti bu’insaa daangaa godinoolee Sidamaa fi Oromiyaatti muudaten namoonni kuma 60 buqqaa’ani turan gara qe’ee isaanitti akka deebi’aniif waligaltee irraa gahamu Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Sidamaa obbo Alamaayyoo Ximootiyoos himaniiru.

Akka Dhaabbata Pireesi Itiyoophiyaaibseetti, konfiraansiin kun Magaalaa Hawaasatti gaggeeffama kan jiru yoo ta’uu ,sababa walitti bu’insa kanaan Naannoo Oromiyaati namoota kuma 30 Naannoo Sidamaati namoota kuma 30 yoo buqqaa’an, wayita ammaa waligaltee gaggeeffameen gara qe’ee isaanitti akka deebi’an murtee irraa gahameera.

Obbo Alamaayyoon akka jedhanitti, sagantaan konfiraansii araraa buusu Onk. 5 bara 2013 bakka Ministirri Nageenya, Pireezidaantoonni Naannoolee lameen, Abbaa Gadaa Naannoolee lameenii bakka argamanitti kan gaggeeffama jedhameera.
Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015