Haala gibirri itti sassaabamu bu'a qabeessa taasisuuf qabannaa ragaan kafaltoota gibiraa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

79

Finfinnee Guraandhala 10/2011  Haala biyyattiitti gibirri itti sassaabamu bu'a qabeessa taasisuuf qabannaa ragaa kafaltoota gibiraa fi qaqqabummaasaarratti mootummaan xiyyeeffannaa kennee hojjechuu akka qabu himame.

Biyyattii keessatti mul'achaa kan jiru adeemsa gadi aanaa wayita ammaa gibirri itti sassaabamu fooyyessuuf gama mootummaatiin hojiiwwan addaddaa hojjetamaa jiru.

Kanaan dura ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad kan irratti argaman sosochiin gibiraa ifatti jalqabamee waggaa tokkoof akka itti fufu hojiiwwan addaddaa yeroo qabameefitti hojjetamaa jiru.

Qaama sosochii kanaa kan ta'e fiigichi kiiloomeetira 5nii mata duree "dirqama koo nan ba'a mirga koo nan gaafadha" jedhuun guyyaa har'aa Finfinnee adda babayii masqalaatti adeemsifameera.

Kanneen dorgommii kanarratti argaman keessaa yaadasaanii tjaajila oduu Itoophiyaaf kan kennan akka jedhanitti, mootummaan gibira ilaalchisee qabannaa ragaa fi qaqqabummaarratii hanqina qaba.

Dargaggoo Zalaalam Abaatee akka jedhutti sababoota gibirri akka barbaadamutti hin sassaabamne taasisan keessaa inni olaanaan qaamni dhimmi ilaalu ragaa guutuu kafaltoota gibiraa qabachuu dhabuudha.

"Eenyu maal hojjeta? maal gurgure? yeroo ammamii keessatti galii ammamii argate kan jedhan adda baasuun qabachuurratti rakkoon jira" kan jedhe dargaggoo Zalaalam, kunis taaksiin tilmaamaan akka kaa'amu taasisa jedheera.

Kanaaf ammoo furmaata kan ta'u dhaabbanni gibira walitti qabu haala hojii kafaltoota gibiraa sirnaan hordofee ragaa qabachuu qaba jedheera.

Daldala gurguddaa kan qaban garuummoo qaamoleen gibira dhoksan akka jiran kan eere dargaggoon kun, rakkoo kana hiikuuf barsiisuu fi hubannaa uumuun itti fufuu qaba jedheera.

Hubannaa hawaasaa guddisuuf sagantaawwan sosochii akkasii faayidaansaanii guddaa waan ta'eef bal'inaan itti hojjetamuu qaba jechuun yaada kenneera.

Fiigicha kanarratti kan hirmaatte Buzunash Baqqalaa gamasheetiin, kanaan dura gibirri galii hubannaa keessa hin galchine akka murtaa'u dubbattee, fuulduraaf gibirri humnaa olii fi humnaa gadi akka hin gaafanne mootummaan hojmaata kaa'uu qaba jetteetti.

Hawaasni gibira kafaluu akka dirqamaatti lakkaa'a, gaafachuu garuu akka mirgaatti hin lakkaa'u kan jedhe ammoo dargaggoo Girmaa Bulchaati.

Dargaggoon kun akka jedhutti, kafalaan gibiraa "gibirrin kafale eessa ga'e? maalirra oole?" aadaan jedhu  gabbachuu qaba.

Itoophiyaatti sassaabbiin gibiraa oomisha biyyaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu keessumaa bara 2008 kaasee hir'achaa dhufuusaa ragaan ministeera galiiwwanii ni mul'isa.

Akaataa ragaa kanaatiin bara 2007 sassaabbiin gibiraa dhibbantaa 13.4 ture hir'achaa dhufee waggaa darbe dhibbantaa 10.7 irra ga'eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015