Qorannoo misooma Albuudaa fi Boba’aa Ityoophiyaa ammayyeessuun barbaachisaadha – Injiinar Taakkalee Uumaa

291

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (TOI) – Qorannoo misooma Albuudaa fi Boba’aa Ityoophiyaa bifa haaraan ammayyeessuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalee Uumaan ibsan.

Qabeenyi albuudaa sirnaan hojiirra oollaan biyyaaf galtee olaanaa ta’uu akka danda'u himaniiru.

Indaastiriiwwaniif, invastimantiif, carraa hojii uumuuf, sharafa alaa argamsiisuuf, diinagdee biyyaaf galtee guddaa ta’uu akka danda’u himaniiru.

Yaa’uutii damichaan misoomni hawaasa giddugaleessa hin godhannee fi haqa qabeessummaa hin qabne muul’ateera jedhan.

Misooma damichaarratti mootummaan federaalaa fi naannolee qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha.

Imaammataraa eegalee hanga misoomaatti wantoonni fooyya’uu qaban hedduun jiraachuu ibsaniiru.

Baatiwwan 3 darban keessa imaammata, seeroota, qajeelfamoota fi hojmaata Albuudaa fi Boba’aa garaagaraa fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bu’aa qabeessummaa damichaa mirkaneessuuf karoorri waggaa 10 qophaa’uun qaama dhimmichi ilaallatu waliin irratti mari’atamuu himaniiru.

Baatiwwan sadan darban keessaa sharafni alaa doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miilyoonii 78 damee Albuudarraa argamuu ibsameera.

Albuudoota alatti ergaman keessaa Warqeen, Taantaaleemiin, Kurtiiziin, Imaraaldiin, Saappoyerii fi dhagaa adiin isaan muraasa ta’uu Injiinar Taakkalaan dubbataniiru.

Warqeen Kiiloo Giraamni kumni 2 fi 241 gabaa alaaf dhiyaachuu isaa ragaan Ministeerichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015