Alaabaan Biyya Keenyaa Hawaasa addunyaa biratti ergaa inni nuuf dabarsu biyya gita bittaa jalatti hin bulle ta’uu keenya, jedhan Pirezedaantiin FDRE Saahilawarqi Zawuudee.

110

Finfinnee, Onkololeessa 02,2013(TOI)- Alaabaan Biyya Keenyaa Hawaasa addunyaa biratti ergaa inni nuuf dabarsu biyya gita bittaa jalatti hin bulle ta’uu keenya, jedhan Pirezedaantiin FDRE Saahilawarqi Zawuudee.

Hawaasa tokko keessa jaalala, kabajaafii tokkummaa mirkaneessuuf Alaabaan tokko.
Alaabaan mallattoo bilisummaa biyya tokkooti. Alaabaan warra kaan waliin qixa ta’uufi walitti dhufeenya keenya kan ittiin mul’ifnudha jedhan Pireezidaanti Saahilaworqi.

Alaabaan keenya kaan irraa adda kan ta’u biyyoota kaaniin biyya hin bitamne ta’uu keenya jedhan.

Eenyumtuu alaabaa biyya isaatiin kan beekamuufi kan ittiin seenaa isaa ibsatu ta’uu qabas jedhan.

Lammiin biyya keenyaa Alaabaa isaatiif waan gaarii hojjatee darbuu qaba; qaamota alaabaan biyya keenyaa akka gadi jedhu taasisan waliin taanee falmachuu qabnas jedhaniru.

Dhaloonni har’aas taayitaa siyaasaaf jedhe alaabaa biyya isaa kan dabarsee kennu ta’uu hin qabu; kana kan taasifnu immoo jalatti manneen barnootaa keessatti uumuu qabna jedhan Pireezidaanti Saahilaworqi.

Kun waan hin hojjatamneef har’a rakkoolee gara garaaf saaxilamnee jirra jedhan.
Garaan haadhaa burreedha akkuma jedhamu dhaloonni rakkoo gara garaas qabaatu haadha tokko irra dhalachuu isaa irraanfachuu hin qabu.

Yoo tokko taanee waliin mari’annedha biyya jabduu alaabaan ishii kabajamee jiraatu kan uumuu dandeenyu jechuun Pirezedaanti Saahilawarqi ergaa dabarsanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015