Vaayirasiin Koroonaa wantoota akka nootii baankii, iskiriinii bilbilaafi sibiilarra guyyoota 28f turuu danda’a jedhe qorannoon

114

Finfinnee, Onkololessaa 2/2013(TOI)-Vaayirasiin Koroonaa wantoota akka nootii baankii, iskiriinii bilbilaafi sibiilarra guyyoota 28f turuu danda’a jedhe qorannoon.


Bu’aan qorannoo Ejensii Saayinsii Biyyaalessaa Awustiraaliyaarra argame SARS-cov-2 hanga yaadamee ol turuu danda’a jedha.


Ta’us garuu qorannoon kun dukkana keessatti kan taasifame yoo ta’u, ifni UV vaayirasicha akka ajjeesu durumaanuu bira gahameera.
Saayinistoonni muraasni ammoo bu’aa qorannoo kanarratti mamii qaban ibsaniiru.


Koronaavaayirasiin yeroo baay’ee yoo namni qufa’u, haxxiffatu yookiin dubbatu daddarba.
Ta’us wantoota qilleensa keessa jiraniin daddarbuu akka danda’us ragaan ni jira.


Dabalataanis wantoota akka sibilaa yookiin pilaastikii namni Covid-19 qabame tuquunis daddarbuu akka danda’u Wirtuu Ittisa Dhukkaa US (CDC) ni mul’isa.


Qorannoon asiin dura taasifame SARS-cov-2 nootii baankiifi fuullee irratti guyyoota lamaa hamma sadiitti turuu akka danda’u mul’isa, akkasumas sibiilaafi pilaastikirra hanga guyyoota jahaa turuu danda’a.


Qorannoon Ejensii CSIRO Awustiraaliyaatiin taasifame garuu vaayirasichi iskiriinii bilbilaafi nootii baankiirra C20 (F68) keessatti guyyoota 28’f turuu akka danda’u mul’isa.


Vaayirasichis wantoota qaawwa qaban, laafaa ta’anirratti yeroo dheeraaf ni tura. Gama kaaniin uffatarra guyyoota 14 caalaa hin turu.
Piroofeesar Roon Eklees Yunvarsiitii Kaardiifitti daarektara Wirtuu Qufaa kan turan yoo ta’u, qorannoon kun “ummata sodaa hin barbaachifneef saaxila,” jedhan.


“Vaayirasoonni yoo qufaanuufi haxxiffannu gama muukasiitiin daddarbu, qorannoon kun mala vaayirasichi daddarbuu danda’uun muukasii dhala namaatti hin fayyadamne,” jedhan.


“Akka yaada kiyyaatti vaayirasoonni dhukkuba fiduu danda’an muukasii keessatti sa’aatii muraasaaf turu malee guyyootaaf hin turan.”


“Vaayirasichi wantootarratti hangam turuu akka danda’u beekuun waan gara fuulduratti ta’an haalan raaguufi tatamsa’ina vaayirasichaa hir’isuuf, akkasumas namoota keenya eeguuf hojii fooyyee qabu akka hojjannuuf nu gargaara,” jedhan hogganaan CSIRO Dr Laarii Maarshaal.


Qondaaltonni qorannichaa vaayirasiin kun haala qorraa keessatti sibiilaarra turuunsaa Covid-19 omisha fooniifi bakkeewwan kuusaa haala qorraa keessatti argaman namoonni Covid-19 qabamuusaaniif raga ta’uu danda’a jedhan


Guutuu addunyaarratti hojjattoonni omisha fooniirra hojjatan kumaatamaan laakka’aman Covid-19 qabamaniiru.
Dabalataanis bu’aan qorannoo isaanii nyaata teempireechara qorraa keessatti argamanrra turuu akka danda’u eeraniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akkas jedha: “Namni nyaataan yookiin meeshaa nyaata ittiin saamsame irraa hamma ammaatti Covid-19 qabame hin jiru.”

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015