Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmafi Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa oomisha kilaasteraan misoome Godina Arsii aanaa Doddotaafi Heexosaa kessaa daawwachaa jiru

121

finfinnee Onkololeessa.01,2013(TOI)- Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmafi Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa oomisha kilaasteraan misoome Godina Arsii aanaa Doddotaafi Heexosaa kessaa daawwachaa jiru .

Qonnaan bultoonni kanaan dura seeftineetiin jiraachaa turuu eeruun, barana of dandeenya jennee abdanna jedhan.

Dr. Abiyyi, oomishni kilaastera dinagdee biyya kanaa guddisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.

Badhaadhinni mana namoota dhuunfaa galee jiruu fi jireenya lammiilee akka jijjiiruuf caalaatti ni hojjenna jedhan.

Dargaggoota hedduufis carraa hojii nu uuma jedhan.

Waggoota shanan dhufan keessatti gara sadarkaa caaluutti ni ceesisna jedhan.

Qisaasama tokko malee akka walitti qabamuufis ni hojjenna, akkasumas walitti hidhaminsa gabaas ni mijataa jedhan.

Muuxannoo kana guutuu biyyaatti babal'isuufis ni hojjetama jedhaniiru.

Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa ooyiruwwan har'a daawwataman lafa namoonni hedduun seeftineetiin jiraachaa turan ta'uu eeruun, bara kana guutummaan deeggarsa jalaa bahu jedhan. Jechuun OBN gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015