Jimmaa Abbaa Jifaar morkatasaa mo'ate

101

Jimma Guraandhala 9/2011 Piriimar Liigii Itoophiyaa torbee ja'affaa tapha kubbaa miilaa wal qixxeessaa har'a adeemsifameen Jimmaa Abbaa Jifaar Dadabiit 1 fi 0n mo'ateera.

Goolii Jimmaa Abbaa Jifaar ittiin mo'ate daqiiqaa 55 irratti mataadhaan itti bu'uun kan galche Tasfaayee Malaakuudha.

Kilabiin Dadabiit darbee darbee gara dirree Jimmaa Abbaa Jifaar ga'uudhaan yaaliin taasisu cimina kilabichaa kan agarsiisu ta'us, kallattii isaanii kan eegan hin turre.

Torbee darbe Jimmaa Abbaa Jifaar Hawaasaa deemee poolisii kibbaatiin qabxii hin eegamne 6 fi 1n mo'amee deebi'uunsaa kan yaadatamudha.

Jimmaa Abbaa Jifaar har'a dirree isaarratti mo'achuusaatiin sadarkaasaa 13ffaa irraa gara 10ffaatti gan guddise yoo ta'u, fuulduraaf tapha wal qixxeessu sadii akka qabaatu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015