Paarkiin Inxooxxoo eebbifame

61

Finfinnee, Fulbaana 30, 2013 (TOI)- Paarkiin Inxooxxoo ifatti har’a eebbifameera.

Paarkicha Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad eebbicha bananiiru.

Dooktar Abiy sirna eebbichaarratti dhaabbilee hojii paarkiicharratti hirmaatan galateeffataniiru.

Dooktar paarkiichi haadholii carraa hojii uumeef 460 olif furtuu bakka hojii laataniiru

Paarkiicha keessaatti ogeessota fayyaa Ityoophiyaa fi hojjeettota weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf karaa garaagaraan shooraa isaanii ba’aata turaaniif siidaan beekamti dhaabbateera.

Qaama Shaggaar Miidhaksu kan ta’ee paarkiin Inxooxxoo moggaasa biyyaa fi bakkeewwan bashannanaa hedduun kan of keessaatti qabatee paarkichii lammiilee hedduuf caarraa hojii umuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015