MM Dooktar Abiy Sagantaan Nyaataa idil Addunyaa badhaafamaa Noobeelii Nageenyaa 2020 mo’achuusaanif ergaa baga gammaddanii dabarsaan - ENA Afaan Oromoo
MM Dooktar Abiy Sagantaan Nyaataa idil Addunyaa badhaafamaa Noobeelii Nageenyaa 2020 mo’achuusaanif ergaa baga gammaddanii dabarsaan
77
Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (TOI)- Muummeen Ministiira FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sagantaan Nyaataa idil Addunyaa badhaafamaa Noobeelii Nageenyaa 2020 mo’achuusaanif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Dooktar Abiy ergaasaaniin daayreektara olaanaa sagantichaa Deeviid Beesleey badhaasa Noobeelii Nageenyaa 2020 mo’achuu keessaaniif gammadeera jedhan.
Sagantaan Nyaataa idil Addunyaa beela hambisuuf tattaaffi taasisen bara Faranjoota 2020 badhaafama Noobeelii ta’uu danda’eera.
Dooktar Abiy bara darbe Noobeelii badhaafamuun isaani ni yaadatama.