Uummanni Oromoo Mirga abbaa biyyummaa Mirkaneeffachuufi qabeenya isaatti qixaan Itti gargaaramuuf qabsaa'e jedhan - Obbo Shimallis Abdiisa

104

Finfinnee Fulbaana 29/2013(TOI) -Uummanni Oromoo Kaayyoo gurguddoo lamaaf qabsaa’e Mirga abbaa biyyummaa Mirkaneeffachuufi qabeenya isaatti qixaan Itti gargaaramuuf qabsaa'e jedhan Pirezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisa.

Qabsaa’onni Oromoo kaleessa kana mirkaneessuuf qabsaa’ani.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Federaalaa waliin ta’uun bu’aa uummanni Oromoo argachuu qabu akka argatuuf hojjetamaa jira.

Keessattu jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jijjiiruu irratti xiyeeffatamee hojjetamaa jiras jedhan.

Wabii nyaataan of danda’uu yeroo gabaabaatti uummanni naannoo Oromiyaa gargaarsa seefti neetii jalaa bahuu qabas jedhan.kun immoo jallisiitti fayyadamuu dabalata.

Jallisiin Gololchaa guyyaa har’aa hojii eegale kun agarsiiftuu tokko,hojiin akkasii gara fuula duraatti itti fufa.

Hanqina roobaa jalaa teekinooloojii baasuu danda’an gara garaa itti fayyadamuun of jijjiruu qabdu jedhan Pireezedaant Shimallis.

Qamadii alaa galu hambisuun oomisha biyya keessaan bakka buusuudhaaf hojeechuu qabnas jedhan.

Kanaafis baajenni fi hoggansi isaa qophaa’ee hojjitti galameera, bara 2013 ni milkaa’as jedhaniiru.

Oomisha Al-ergii irratti Xiyyeeffannee hojjenna,Uummanni naannoo kana jirtan oomisha gara Jibuutii,Somaalee Laandifi bakka adda addaati akka ergamu hojjeedhaas jedhan.

Oomishni Jimaa hojii ekisteenshiniin akka oomishamuuf kallattiin taa’ee jiras jedhan.

Guyyaa har’aatii eegalee hojiin isaa ni jalqabama,daa’imman keenya har’a cimanii barachuu qabu.

Dhaloota har’a baratetu boru biyya bulcha .qaamoleen qooda fudhattootaa hundi tumsuun Dhibee Covid-19 irraa of eegaa cimanii barachuu qabus jedhan.

Makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuun oomishaafii oomishtummaa dabaluun Badhaadhina milkeessuu qabdus jedhan.

Badhaadhinni halaalatti osoo hin taane qe’ee keessanitti dhufee kan argitan ta’a jedhan Pireezedaant Shimmallis.

Dhaloota boohanii boochisuun osoo hin taane, daandii milkaa’inaa dhaloota agarsiisuun kan hojjetamudha jechuun,warreen ergaa diinaa galmaan gahuuf halkanii guyyaa hojjetan uummanni Harargee dura dhaabachuu qaba, jedhame jechuun OBN gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015