Bara 2020 biyyoota Saaharaa gadiitti dinagdeen isaanii haraka 3.3 gadi b'usaan namoonni miliyoona 40 ta'an hiyyummaa keessatti kufuu danda'u- Baankii Addunyaa

121

Finfinnee, Fulbaana 29/2013(TOI)-Akka lakkoofsa Awuuroophaatti bara 2020 biyyoonni Saaharaa gadii dinagdeen isaanii haraka 3.3 gadi bu'usaan namoonni miliyoona 40 ta'an hiyyummaa keessatti kufuu akka danda'an Baankii Addunyaa beekisiseera.

Akka baankichii ifoomsetti dinagdeen naannawwichaa bara 2021tti harka 2.1'n ni damdamata.
Vaayirasiin Koroonaa biyyoota Sahaaraa gadiirraan dhiibbaa cimaa geesisuu baankichi beekisiseeras.

Biyyota kaneen irratti dhiibbaan gama fayyaan kallatti kanaan umamee ture ammaa fooyyee qabatuus yaaddoon isaa ammaas itti fufera.

Sababaa Vaayirasii koroonaan Uggura sosochiitiin industirii Turirizimii irraa dhiibaan gahaa jira. Rakkoo kara kana dhufuun immoo Itoophiyaa, Keeniyaa fi biyyoonni odoolarra jiran hedduun ni miiidhamu jechuun baankiin addunyaa beekisera.

Baankiin addunyaas biyyoonni humana qaban fayyadamuun dhiibbaa dinagdee isaan mudatee kana keessa bahuuf akka yaalan akeekachisera.

Malaanmaaltuma balleessu, Foyaa'insaa idaa tasisuuni fi maloota dinagdee isaanii si'eessuu danda'an fayyadamuun ariitiin rakkoo dhiibba dinagdee sababaa Vaayirasii koronaan isaan mudate kana keessa bahuu qabu jedhera baankiin addunya jechuun Roritaris gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015