Paarlaamaan Awurooppaa dhimma Ityoophiyaanota mana hidhaa Sawudii jiranirratti murtee dabarse.

94

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (TOI)- Paarlaamaan Awurooppaa dhimma Ityoophiyaanota mana hidhaa Sawudii jiranirratti murtee dabarse.

Manni Maree Gamtaa Awurrooppaa gidirfamuu fi sarbama mirgoota namoomaa godaantota Ityoophiyaa manneen hidhaa Sawud Arabiyaa jiran irratti raawwatamaa jiru cimsee balaaleffachuun murtee dabarse.

Paarlaamaan kun murtee kana kan dabarse kora dhimmoota mirgoota namoomaa Ertiraa fi Nikaraaguwaa keessatti raawwatamaa ilaaleen yoo ta'u, haalli qabiinsa lammilee Itoophiyaa Sawud Arabiyaa jiranii yaaddessaa ta'uu kaasuun yaada murtee kana dabarse.

Manni Maree Awurooppaa kun hanga ammaattillee lammileen Ityoophiyaa manneen hidhaa Sa'udii keessatti haala hamaa ta'e keessatti qabamanii mirgoonni namoomaa isaanii sarbamee akka jiru eeruun balaaleffateera.

Gabaasa Huumaan Raayitis Waach kan eere Paarlaamaan kun, ji'a Eebila bara darbeerraa kaasee lammileen Ityoophiyaa haadholiin ulfaa fi daa'imman keessatti argaman 30,000 ta'an Yaman keessaa dhiibamanii akka ba'an taasifaman murtii malee mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuu ibseera.

Kanaaf, Miseensonni Mana Maree Awurooppaa aanga'oonni Sawud Arabiyaa dubartootaa fi daa'imman dabalatee kanneen rakkoof saaxilamaniif dursa kennuudhaan atattamaan akka gadhiisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Dabalataanis, aanga'oonni Sawudii biyya hollaa waraanaa keeessa jirtu Yaman irraa baqachuun namoota gara daangaa isaaniitti seenanis haala nageenyisaanii eegameen simatanii wiirtuuwwan turtii sadarkaa idil-addunyaa eegggate akka galan gochuu qabu jedheera.

Mootummaan Sawud Arabiyaa gidiraa fi hiraarsa godaantota Ityoophiyaa mana hidhaa keessa jiran irratti raawwatamu atattamaan dhaabuun kunuunsi qoor-qalbiifi qaamaa akka taasifamuuf Manni Maree Awurooppaa kun gaafateera.

Mana hidhaa Sawud Arabiyaa keessatti rakkoo hamaa godaantota Ityoophiyaa irra ga'aa jiru ilaalchisuun saba himaaleefi jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf falman gara garaa irra deddeebiin gabaasa dhiyeessaa turaniiru.

Godaantonni Ityoophiyaa manneen hidhaa dhidhiphoo fayyaafi jireenyaaf yaaddessoo ta'an keessatti ji'ootaaf tursiifamuu isaaniirraa kan ka'e dhibee garaa garaatiif kan saaxilaman yoo ta'u kanneen lubbuun isaanii darbellee akka jiran BBC fi sabaa himaaleen gara garaa gabaasuun isaanii ni yaadatama.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015