Yunivarsiitiin Amboo Aramaa nyaata looniif faayidaarra oolche

97

Ambo Guraandhala 9/2011 Ynivarsiitiin Amboo arama "Daakiyyoo" jedhamu qorannoodhaan baasuudhaa nyaata looniif faayidaarra oolchuusaa beeksise.

Dhaabbanni kun dabalataanis ilbiisa kuduraa irratti miidhaa geessisu ittisuuf qonnaan bulaaf deeggarsa gochaa jira.

Yunivarsiitichi damee qonnaa, fayyaa, eegumsa naannoo fi kanneen biroo pirojektoota qorannoo rakkoo hiikuu danda'an 100 ol of harkaa qaba.

Kanneen keessaa keessumaa aramaa "Daakiyyee" jedhamu dhaabbata gargaarsaa idil addunyaa Ameerikaa waliin ta'uun waggoota sadan darban qorannoo taasiseen bu'a qabeessa ta'uusaa Yunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi tajaajila hawaasaa Dr, Buzunash Miidhaksaa tjaajila oduu Itoophiyaaf ibsaniiru.

Aramaan qorannoon argame nyaata looniif kan oolu dahannoo keessatti eela bishaan itti naqame keessatti baay'isuun nyaata loonii kan biraa waliin dhibbantaa 20 walii makuunidha.

Qabiyyee nyaataa gabbisaa ta'an waan of keessaa qabuuf wayita ammaa loon aannaniif, lukkuuwwan hanqaaquu fi lukkuu fooniif nyaataaf oolchuudhaan bu'a qabeessa ta'uusaanii Dr, Buzunash hubachiisaniiru.

Lukkuuwwan amma ammaatti nyaata kana fayyadaman hanqaaquunsaanii sanyii lukkuu biyya alaarraa adda kan ta'e, keessoon isaa bifa keelloo fi guddaa, akkasumas loon aannaniis ji'a toorbaaf akka elmaman dandeessisa jedhaniiru.

Salphaatti kan qophaa'u waan ta'eef baasii nyaata looniif ba'u hir'isuurra darbee oomishtummaa akka dabalu himanii, waa'ee itti fayyadamasaa dubartoota waldaan ijaaramaniif leenjii kennanii itti hojjetamaa akka jiru ittaantuun pirezidaantii kun ibsaniiru.

Ilbiisota kuduraa fi biqiltuuwwan biroo miidhan ittisuuf ministeera qonnaa waliin ta'uun keemikaalota biyya alaatii galan bu'a qabeessummaansaanii dirreerratti yaaliidhaan mirkanaa'ee hojiirra akka oolu taasifamuusaa fi qonnaan bulaafis deeggarsa kennaa akka jiran himaniiru.

Dr. Taaddasaa Shibbiruu Yunivarsiitichatti qorataa fi barsiisaadha. Sababa ilbiisotaatiin keessumaa Qullubbii, Goommana Maraa fi Timaatimiirratti dhiibbaa ga'u ittisuuf qonnaan bulaaf dhiheessii qorichaa fi tajaajila gorsaa tolaan kennuudhaan deeggaraa akka jiran dubbataniiru.

Ogeeyyonni Yunivarsiitichaa deeggarsa isaanii taasisaniin miidhaan ilbiisonni kuduraasaaniirran ga'u amma irraa hir'achuu kan dubbatan ammoo gogina Shawaa lixaa aanaa Tokkee kuttaayee ganda Nagaa fileetti qonnaan bulaa Isheetuu Lamiiti.

Magaalaa Amboo jiraattuu ganda 2 kan ta'an adde Tigisti Abbabaa gamasaaniitiin, dubartoota 11 waliin gurmaa'anii deeggarsa nyaata loonii fi leenjii Yuunuvarsiitichi mijeesseefiin lukkuu horsiisuurratti bobba'uun bu'a qabeessa akka ta'an dubbataniiru.

Yunivarsiitiin Amboo fuulduraafis bu'aawwan qorannoo aanaalee naannoo hundaan ga'uuf hojiisaa cimsee akka itti fufu himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015