Gamtaan Awurooppaa Jarmaan waliin ta’uun Afrikaaf deeggarsa meeshalee qorannoo vaayirasii koronaa kenne

67

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013(TOI) – Gamtaan Awurooppaa Jarmaan waliin ta’uun Afrikaaf deeggarsa meeshalee qorannoo vaayirasii koronaa kiitiiwwan miiliyoona 1.4 taasise.

Meeshaleen kunniin Finfinnee kan gahan yoo ta’u biyyoota Afrikaa biroof ni raabsamu jedhameera.

Deeggarsa kanaan dura ittisa tatamsa’ina vaayirasii koronaa Afrikaaf deeggarsa taasifamuuf qabame miiliyoona 10 keessa tokko ta’uu ibsameera.

Gamtaa Awurooppaatti Komishinarri Hoggansa balaa tasaa Janeezi Lenarichichiifi Bakka Bu'aa Olaanaan Dhimma Alaafii Imaammata Nageenyaa deeggarsa kana kennuuf Finfinnee galaniiru.

Turtii Itiyoophiyatti dabarsaniniis Dura ta’aa Gamtaa Afrikaa Muusa Faaqii Mahamatifi hoggantoota Gamtaa Afrikaa akkasumas Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadifi Pireezidantii Saahilawarqi Zawudee waliin wal arguun ni mari’atu jedhame eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015