Magaalaa Sabbataatti dareen barnoota dabalataa birri miliyoona 20 ijaraman hojii baruu fi barsisifuuf qopha'ani

60

Finfinnee, Fulbaana 28,2013(TOI)-Magaalaa Sabbataatti dareen barnoota dabalataa birri miliyoona 20 ijaraman hojii baruu fi barsisifuuf qopha'ani.

Manneen barnoota kun bajata mootumma fi gargarsaa abbootii qabeenyaan kan ijaramidha.

Jilli Ministeera Barnootaa fi Biiroo Barnootaa Oromiyaa,Ministira Barnootaa Dr. Injiinar Geetaahun Makuriyaan durfamu ijaarsa daree barnootaa dabalataa hirmaannaa abbootii qabeenyaa fi bajata Bulchiinsa Magaalaa Sabbataan ijaarame kana eebbisaniru.

Hojiin baruufi barsiisuu bara kanaa akkaataa barattoonni tatamsa'ina vaayirasii koronaa irraa eegamanii barachuu danda'anitti Nannoon Oromiyaa daree ganna kana qofatti dabalataa kuma 35 ol ijaaree qopheesseera.

Bulchiinsi Magaalaa Sabbataas hojii kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjachuu isaatiin dareewwan ijaaramna qondaaltoota ol'aanoon daawwatamaa kan jiru.

Manneen barnootaa daawwataman keessaa Mana Barnootaa sadarkaa 1ffaa Karaabuu Hurbuu, Mana barnootaa sadarkaa 1ffaa Alamganaa, Mana Barnootaa sadarkaa 1ffaa Mulgeetaa Gadilee, Mana Barumsaa Qocee sadarkaa 1ffaafi Diimaa Maanyooti.

Bulchiinsi Magaalaa Sabbataa gana baranaa qofa baajata Mootummaafi hirmaannaa abbootii qabeenyaafi uummataan daree Barnootaa 171 ijaareera, dareewwan ijaaraman harki caalaan hirmaannaa abbootii qabeenyaatiin kan ijaaramaniidha.

Maddi:- OBN fi EBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015