Naannolee hundatti barattoonni Yunvarsiitii barnoota akka eegalaniif qophiin xumurame

39

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (TOI) – Yunvarsiitiwwan hundi yeroo dhiyootti baratootta simachuu kan eegalan ta’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksiseera.

Baratoonni Yunvarsiitii itti ramadanitti barnoota isaanii eegaluuf qophii ta’uu akka qaban eerameera.

Ministeerichi akka beeksiseetti Yunvarsiitiwwan 44 irratti gamaaggama taasifamaeen harki caalu weerara vaayrasii koroonaa ittisuun adeemsa baruu fi barsiisuu jalqabuuf ga’umsa qabu jedhame.

Kanneen hafan muraasni torbee dhufu keessa qophii akka xumuran kallattiin kaa’ameera.

Qajeelfamni Prootookoolii fayyaa fi haala nageenyaa eegsisu qophaa’uu ibsameera.

Barnoota idilee cinaatti barnoonni namuusaa fi ijaarsaa sirna barnootaa keessatti kan laatamu ta’uu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015