Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Gorgoraa daawwachaa jiru

49

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (TOI) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Gorgoraa daawwachaa jiru.

Magaalaan Gorgoraa buufata doonii qarqara Haroo Xaanaatti argamtudha.

Gorgoraan Goojjaamii fi Gondar walqunnamsiisti.

Bakki kun qabeenyi qurxummii heddumminaan kan itti argamu yoo ta'u, hawwata tuuriizimiif kan toludha.

Sagantaa maaddiin biyyaaf proojaktoota sadiif; Gorgoraa, Wancii fi Kooyshaaf Birrii biiliyoona 3 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuun ni beekama.

Kaaffee fi reestooraantii ammayyaa, dirree guluffii fardaa fi biskileetii, misooma manneen ammayyaa, qorannoo qonnaa, qabiinsa qurxummiitu ittiin hojjetama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015