Baankiin Birhaan deeggarsa maaddii biyyaaf qabamee piroojektoota Gorgoraa, koyishaa fi wanciif oolan birrii miliyoona 20 deeggarsa taasise

72

Finfinnee, Fulbaana, 27/2013(TOI)- Baankiin Birhaan deeggarsa maaddii biyyaaf qabamee piroojektoota Gorgoraa, koyishaa fi wanciif oolan birrii miliyoona 20 deeggarsa taasise.

Pireezdaantiin Baankii Birhaan Abrahaam Alaroo akka himanitti Piroojektoonnii kunneen Carraa hojii uumaniifi damee turizimii guddisuu fi darbees sharafa biyya alaa argamsiisuu keessatti qoodnii qabu olaanaa waan ta'eef Baankiin Birhaan ittigaafatamummaa isaa bahuuf deeggare jedhan.

Bulchiinsii Magaalaa Finfinnee nyaata barattootaa dhiyeessuufi leecalloo barnootaa guutuun hojiin jalqabame waan guddaa ta'ef isa deeggaruuf birrii miliyoona 2 deeggarsaan kennu murtessuu Obbo Abrhamaa ibsanii, barattonnis duudhaa arjoomaa dagaagafchuun akka guddatan gochuufi jedhan.

Hammi maallaqaa arjoomame guddaa osoo hin taanee baankichii dhimmoota uumataafi biyya fayyadu kami irrattu akka tumsu himaniiru.

Baankichii dilbata dabalatee dameelee 238 akka biyyaatti qabuun baankii biyyaalessaarraa birrii biliyoona 1.4 fudhachuun birrii biliyoona 1.1 gara haawaasaatti gadii buuseera jedhan.

Jijjirraa nootaa birrii erga jalqabame Akkaawuntii haaraa baankichatti 22,871 banamaniin birrii 586 miiliyoona sassaabameera jedhan.

Jijjiirraan birrii kuma 100 hanga birrii Miliyoona 1.5 yeroon qabameef waan xummuramuuf jiruus yaadachiisan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015