Feesbuukii fi Tiwuutariin waa'ee Covid-19 Tiraamp maxxansan haqan

95

Finfinnee, Fulbaana 27/2013 (TOI) – Feesbuukii fi Tiwuutariin waa'ee Covid-19 Tiraamp maxxansan haqan.

Preezdaantiin Yuunaayitiid Isteet Doonaald Tiraamp erga vaayrasii koroonaan qabamanii hospitaala seenanii ba’anii as waa’ee dhibee kanaa tuffachuun dubbataa jiru.

Vaayrasii koroonaan lubbuu namaa galaafachuudhaan hanga qufaa ‘flu’ hin ga’u jechuun isa isaan maxxansan Feesbuukiin haqeera.

Dhibamanii guyyaa sadii hospitaala erga turanii booda amma gara Waayit Haawusitti deebi’anii kan jiran Tiraamp, ’’wayita weerara flu akkuma waliin jiraachuu baranne, ammas Covid-19 waliin jiraachuu barachaa jirra, vaayrasii koroonaan nama ajjeesuudhaan hanga qufaa yookiin flu hin ga’u,’’ jedhan.

Waan Tiraamp maxxansan kana Tiwuutariinis balleesseera.

Odeeffannoo dogoggoraa fi balaa geessisu waan ta’eef akka haqe hima dhaabbati kun.

Feesbuukiinis odeeffannoo dogoggoraa waa’ee Covid-19 akka haqu, kanumarraa ka’uun kan Tiraamp maxxansanis akka balleesse qondaalli kominikeeshinii dhaabbatichaa himaniiru.

Ragaan Yuunvarsitii Joons Hoopkins akka mul’isutti ammeentaan du’aa sababa Covid-19n uummamuu ammatti sirriitti beekamuu baatus garuu 10 % fi isaa oliin akka kan qufaa ykn flu caalu eera.

Feesbuukiin kanaan yeroo lammaffaaf waan preezdaantichi maxxansan haquusaati.

Tiwuutariin ammoo irra deddeebiin maxxansa isaanii haqeera, akeekkachiisas kenneeraaf.

Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015