Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kallattii intarneetiin laachuuf qophiin xumuramuu Ministeerri Barnootaa FDRI beeksise

711

Finfinnee, Fulbaana 26/2013 (TOI)- Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa kallattii intarneetiin laachuuf qophiin xumuramuu Ministeerri Barnootaa FDRI beeksise.

Qormaata kutaa 12ffaa bara 2012 kallattiin laachuuf dhiyeessiin ibsaa fi intarneetii akka mijatu hojjetamaa jira jedheera.

Ogeeyyidhaafis leenjii laachuun eegalameera.

Malli kun hanna qormaataa hambisuun cinaatti, baasii waraqaadhaf ba'uu fi yeroo soroorsuuf fudhatu ni qusata jedheera ministeerichi.

Taableetonni qormaanni ittiin laatamu dhiyeenya barataaf ni raabsamuu jedhamee eegama.

Barattoonni teeknooloojichaan akka walbaran yeroon torbee sadii gadi hin taane ni laatamaaf jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015